LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Uumama 22:16-18
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 16 akkana jedhe: “Yihowaan akkana jedha: ‘Ani ofiin nan kakadha,+ ati kana waan gooteef, ilma kee isa tokkichas waan na hin dhowwanneef,+ 17 ani dhugumaan sin eebbisa; dhugumaan sanyii kee akka urjiilee samii fi akka cirracha qarqara galaanaatti nan baayʼisa;+ sanyiin kees karra* diinota isaa ni dhaala.+ 18 Ati sagalee koo waan dhageesseef, saboonni lafa irraa hundi sanyii keetiin+ ofii isaaniitiif eebba ni argatu.’”+

  • Faarfannaa 105:9-11
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  9 Inni kakuu Abrahaamii wajjin gale,+

      Kakaa Yisihaaqiif kakates ni yaadata;+

      10 Isa Yaaqoobiif labsii godhee,

      Israaʼeliifis kakuu dhaabbataa godhee hundeesse ni yaadata;

      11 Inni, “Ani biyya Kanaʼaan

      Dhaala siif ramadame godhee siif nan kenna” jedheera.+

  • Ibroota 6:13, 14
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 13 Waaqayyo yeroo Abrahaamiif waadaa gale, kan isa caalu kamiin iyyuu kakachuu waan hin dandeenyeef ofii isaatiin kakate;+ 14 “Ani dhugumaan sin eebbisa, ani dhugumaan sin baayʼisa”+ jedhe.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi