-
Uumama 21:22-24Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
22 Yeroo kanatti Abimelek ajajaa raayyaa waraanaa isaa Fikoolii wajjin taʼuudhaan Abrahaamiin akkana jedhe: “Wanta gootu hundumaa irratti Waaqayyo sii wajjin jira.+ 23 Kanaafuu, amma ana, ijoollee koo fi sanyii koo akka hin gowwoomsine, akkasumas anaa fi biyya keessa jiraachaa jirtuuf jaalala amanamaa ani sitti argisiise akka argisiistu maqaa Waaqayyootiin anaaf kakadhu.”+ 24 Abrahaamis, “Tole, nan kakadha” jedhe.
-