-
Uumama 25:31-33Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
31 Yeroo kanatti Yaaqoob, “Dura garuu mirga angafummaa+ kee natti gurguri!” isaan jedhe. 32 Esaawus itti fufuudhaan, “Kunoo, ani duʼuufan jedha! Mirgi angafummaa maal na fayyada ree?” jedhe. 33 Yaaqoob immoo, “Jalqaba naaf kakadhu!” isaan jedhe. Kanaafuu, inni isaaf ni kakate; mirga angafummaa isaas Yaaqoobitti ni gurgure.+
-
-
Roomaa 9:10-12Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
10 Taʼus yeroo sanatti qofa utuu hin taʼin, yeroo Ribqaan abbaa keenya Yisihaaqiif ijoollee lakkuu ulfooftettis waadaan kun galamee ture;+ 11 Waaqayyo kan filatu hojii irratti hundaaʼee utuu hin taʼin kaayyoo isaa irratti hundaaʼee waan taʼeef, utuu isaan dhalatanii wanta gaarii yookiin wanta hamaa tokko illee hin hojjetin dura waaʼee ijoollee sanaa, 12 “Inni angafaa isa quxisuudhaaf garbicha taʼa” jedhamee ishiitti himame.+
-