Uumama 27:41 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 41 Esaawu garuu abbaan isaa Yaaqoobiin waan eebbiseef, ija diinummaatiin Yaaqoobiin ilaaluu jalqabe;+ garaa isaattis, “Duuti abbaa kootii dhihaateera.*+ Sana booda obboleessa koo Yaaqoobiin nan ajjeesa” jedhee yaada ture. Uumama 32:11 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 11 Ammas harka obboleessa koo Esaawu jalaa akka na oolchitun si kadhadha;+ inni dhufee ana, haadhotii kanaa fi ijoollee isaanii akka hin miine sodaadheera.+
41 Esaawu garuu abbaan isaa Yaaqoobiin waan eebbiseef, ija diinummaatiin Yaaqoobiin ilaaluu jalqabe;+ garaa isaattis, “Duuti abbaa kootii dhihaateera.*+ Sana booda obboleessa koo Yaaqoobiin nan ajjeesa” jedhee yaada ture.
11 Ammas harka obboleessa koo Esaawu jalaa akka na oolchitun si kadhadha;+ inni dhufee ana, haadhotii kanaa fi ijoollee isaanii akka hin miine sodaadheera.+