-
Keessa Deebii 17:14, 15Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
14 “Ati gara biyya Waaqni kee Yihowaan siif kennutti galtee dhaalaan fudhachuudhaan ishii keessa jiraachuu erga jalqabdee booda, ‘Akkuma saboota naannoo kootti argaman hundumaa anis of irratti mootii nan muuda’ yoo jette,+ 15 yeroo kanatti mootii Waaqni kee Yihowaan filatu muuduu qabda.+ Mootii kan muuddu obboloota kee gidduudhaa taʼuu qaba. Nama biyya ormaa obboleessa kee hin taane akka of irratti muuddu siif hin heyyamamu.
-
-
1 Seenaa Baraa 1:43-50Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
43 Kanneen kun mootiin akkamii iyyuu Israaʼelota* irratti bulchuu isaa dura mootota biyya Edoom+ keessatti bulchaa turani dha:+ Beelaa ilma Beʼor; maqaan magaalaa isaa Dinhaabaa ture. 44 Beelaan yommuu duʼetti, Yobaab ilmi Zaaraa inni Boozraadhaa+ dhufe bakka isaa bulchuu jalqabe. 45 Yobaab yommuu duʼetti, Hushaam inni biyya Temaanotaatii dhufe bakka isaa bulchuu jalqabe. 46 Hushaam yommuu duʼetti, Hadaad ilmi Beedaad inni biyya* Moʼaab keessatti Miidiyaaniin injifate bakka isaa bulchuu jalqabe. Maqaan magaalaa isaa Awiit ture. 47 Hadaad yommuu duʼetti, Saamlaan inni Maasreqaadhaa dhufe bakka isaa bulchuu jalqabe. 48 Saamlaan yommuu duʼetti, Shaawul inni Rehoboot ishii Lagicha bira jirtu irraa dhufe bakka isaa bulchuu jalqabe. 49 Shaawul yommuu duʼetti, Baʼaal Hanaan ilmi Akboor bakka isaa bulchuu jalqabe. 50 Baʼaal Hanaan yommuu duʼetti, Hadaad bakka isaa bulchuu jalqabe. Maqaan magaalaa isaa Phaawu ture; maqaan haadha manaa isaa Meheetaabel yeroo taʼu, ishiin intala Maatreed, intala Mezaahaab turte.
-