-
Baʼuu 26:22-25Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
22 Karaa duubaa godoo qulqulluu isa kallattii dhihaatti argamuuf maqaaniiwwan jaʼa ni tolchita.+ 23 Godoo qulqulluu sanaaf karaa duubaatiin utubaa golee akka taʼaniif maqaaniiwwan lama ni tolchita. 24 Maqaaniiwwan kun jalaa kaasee hamma amartii isa jalqabaa fiixee irra jiruutti dachaa taʼanii haa tolfaman. Lamaan isaanii iyyuu akkanumatti haa tolfaman; isaan utubaa golee lama ni taʼu. 25 Maqaaniiwwan saddeet, akkasumas miiloowwan isaanii warri uraa qabanii fi meetii irraa tolfaman 16, maqaanii tokko jalatti miiloowwan uraa qaban lama, tokkoon tokkoon maqaaniiwwan itti aanan kaan jalattis miiloowwan uraa qaban lama lama ni jiraatu.
-