-
Baʼuu 36:27-30Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
27 Karaa duubaa godoo qulqulluu isa kallattii dhihaatti argamuuf maqaaniiwwan jaʼa ni tolche.+ 28 Godoo qulqulluu sanaaf karaa duubaatiin utubaa golee akka taʼaniif maqaaniiwwan lama ni tolche. 29 Utubaawwan kun jalaa kaasee hamma amartii isa jalqabaa fiixee irra jiruutti dachaa taʼanii kan tolfaman turan. Inni utubaawwan golee lamaan kan tolche akkuma kanaan ture. 30 Kanaafuu, isaan maqaaniiwwan saddeet, akkasumas miiloowwan isaanii warra uraa qabanii fi meetii irraa tolfaman 16 qabu turan; kana jechuun, maqaanii tokko jalatti miiloowwan uraa qaban lamatu jira ture jechuu dha.
-