-
Baʼuu 26:31, 32Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
31 “Foʼaa bifa cuquliisaa, suufii bifa dhiilgee, foʼaa diimaa fi quncee talbaa baʼeessa taʼee foʼame irraa golgaa+ tokko hojjedhu. Isa irrattis bifti kiruubelotaa haa dhaʼamu. 32 Isas utubaawwan muka laaftoo warqii uwwifaman afur irratti fannista. Hookkoowwan isaanii warqii irraa haa tolfaman. Utubaawwan sun miiloowwan uraa qabanii fi meetii irraa tolfaman afur irra haa dhaabaman.
-