-
Baʼuu 25:17-20Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
17 “Warqii qulqulluu irraa qadaada dheerinni isaa dhundhuma lamaa fi walakkaa, dalgi isaa immoo dhundhuma tokkoo fi walakkaa taʼe ni tolchita.+ 18 Warqii irraa kiruubelota lama ni tolchita; warqii tumame irraa isaan tolchitee fiixee lamaan qadaadichaa irra isaan ni keessa.+ 19 Kiruubelota lama tolchaatii isa tokko fiixee isa tokkoon, isa kan biraa immoo fiixee isa kan biraatiin kaaʼaa. 20 Kiruubelonni kun qoochoowwan isaanii lamaan ol diriirsanii qoochoowwan isaaniitiin qadaadicha ni haguugu;+ isaan walitti ni garagalu. Fuulli kiruubelota kanaa gara qadaadichaatti garagala.
-