-
Baʼuu 28:22-25Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
22 “Kiisii qomaatti marsitee funcaa funyoo warqii qulqulluu irraa foʼame fakkaatu ni tolchita.+ 23 Kiisii qomaa sanaaf warqii irraa amartiiwwan lama tolchitee, amartiiwwan lamaan sana fiixee kiisii qomaa lamaanitti qabsiista. 24 Funyoowwan warqii irraa tolfaman lamaan sana amartiiwwan lamaan warra fiixee kiisii qomaa irra jiran keessa galchita. 25 Fiixeewwan lamaan funyoowwan lamaan sanaa baattuuwwan lamaan keessa galchitee, karaa fuulduraatiin kutaa efuudichaa isa gateettii irra oolu irratti qabsiista.
-