-
Baʼuu 38:9-11Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
9 Achiis mooraa ni ijaare.+ Kallattii kibbaa mooraa sanaa isa gara kibbaatti garagaleef, quncee talbaa baʼeessa taʼee foʼame irraa golgaa dhundhuma 100 dheeratu ni tolche.+ 10 Utubaawwan sibiila diimaa irraa tolfaman 20nii fi miiloowwan uraa qaban warri sibiila diimaa irraa tolfaman 20ni jiru turan; hookkoowwan utubaawwan sanaa fi wal qabsiistuuwwan* isaanii meetii irraa kan tolfaman turan. 11 Gara kaabaatiifis golgaan dhundhuma 100 dheeratu jira ture. Utubaawwan isaa 20nii fi miiloowwan isaanii warri uraa qaban 20ni sibiila diimaa irraa kan tolfaman turan. Hookkoowwan utubaawwan sanaa fi wal qabsiistuuwwan* isaanii meetii irraa kan tolfaman turan.
-