-
Baʼuu 27:9-15Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
9 “Godoo qulqulluu sanaaf mooraa ni tolchita.+ Mooraan sun kallattii kibbaa isa gara kibbaatti garagaleef, jechuunis kallattii isa tokkoof golgaa quncee talbaa baʼeessa taʼee foʼame irraa tolfamee fi dhundhuma 100 dheeratu ni qabaata.+ 10 Mooraan sun utubaawwan 20, akkasumas miiloowwan uraa qabanii fi sibiila diimaa irraa tolfaman 20 ni qabaata. Hookkoowwan utubaawwan sanaa fi wal qabsiistuuwwan* isaanii meetii irraa haa tolfaman. 11 Golgaan gara kaabaatiif taʼus dhundhuma 100 ni dheerata; utubaawwan isaa 20nii fi miiloowwan isaanii warri uraa qabanii fi sibiila diimaa irraa tolfaman 20ni ni jiraatu; akkasumas utubaawwan sun hookkoowwanii fi wal qabsiistuuwwan* meetii irraa tolfaman ni qabaatu. 12 Golgaan gara dhiha mooraa sanaatiif taʼu dheerinni isaa dhundhuma 50 haa taʼu; kana malees utubaawwan kudhanii fi miiloowwan uraa qaban kudhan tolchi. 13 Mooraan sun kallattii bahaatiin, jechuunis gara aduun baatuun dalgi isaa dhundhuma 50 dha. 14 Gama tokkoon golgaan dhundhuma 15 taʼu ni jiraata; utubaawwan sadii fi miiloowwan uraa qaban sadiis ni jiraatu.+ 15 Gama isa kan biraatiinis golgaan dhundhuma 15 taʼu ni jiraata; utubaawwan sadii fi miiloowwan uraa qaban sadiis ni jiraatu.
-