-
Baʼuu 29:36, 37Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
36 Guyyaa guyyaadhaan aarsaa cubbuu gootee jibicha sana ni dhiheessita. Kunis dhiifama gaafachuu fi iddoo aarsaa sana qulqulluu gochuuf gargaara. Kana malees, iddoon aarsaa sun waaqeffannaa Waaqayyootiif adda baʼuu isaa argisiisuuf iddoo aarsaa sana irratti zayitii facaasta.+ 37 Iddoo aarsaa sanaaf araara argamsiisuuf guyyaa torba ramadda; iddoo aarsaa hundumaa caalaa qulqulluu akka taʼuufis isa qulqulleessi.+ Namni iddoo aarsaa kana tuqu kam iyyuu qulqulluu taʼuu qaba.
-
-
Leewwota 8:11Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
11 Sana booda isaan qulqulleessuuf zayitii dibataa sana iddoo aarsaa irratti siʼa torba ni facaase; iddoo aarsaa sanaa fi miʼawwan isaa hundumaa, akkasumas miʼa bishaanii fi wanta inni irra taaʼus ni dibe.
-