-
Baʼuu 10:16-19Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
16 Kanaafuu, Faraʼoon hatattamaan Musee fi Aaroniin waamee akkana isaaniin jedhe: “Ani Waaqa keessan Yihowaa irrattis taʼe isin irratti cubbuu hojjedheera. 17 Amma maaloo, cubbuu koo kana qofa naaf dhiisaa; dhaʼicha duʼa fidu kana qofa akka ana irraa balleessuufis Waaqa keessan Yihowaa naaf kadhadhaa.” 18 Kanaafuu, inni* Faraʼoon biraa baʼee Yihowaa kadhate.+ 19 Achiis Yihowaan bubbeen sun kallattii isaa akka jijjiiru godhe; bubbeen sunis gara bubbee dhihaa baayʼee cimaa taʼetti jijjiiramee awwaannisa sana oofee gara Galaana Diimaatti geesse. Guutummaa naannoo biyya Gibxii keessattis awwaannisni tokko illee hin hafne.
-