21 Achiis Yihowaan Museedhaan akkana jedhe: “Gara Gibxiitti erga deebitee booda, dinqiiwwan ani akka raawwattu si dandeessise sana hundumaa Faraʼoon duratti raawwachuu hin dagatin.+ Ani garuu garaan isaa didaa akka taʼu nan heyyama;+ innis sabicha hin gadhiisu.+