-
Baʼuu 8:31, 32Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
31 Kanaafuu, Yihowaan akkuma Museen jedhe godhe; qarxaasaawwan sunis Faraʼoon irraa, tajaajiltoota isaa fi saba isaa irraa ni deeman. Qarxaasaan tokko illee hin hafne. 32 Haa taʼu malee, Faraʼoon ammas garaan isaa didaa taʼe; sabichas hin gadhiisne.
-
-
Baʼuu 14:17Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
17 Anis warri Gibxii isaan booda akka itti seenaniif garaan isaanii didaa akka taʼu nan heyyama; akka kanaan ani Faraʼoonittii fi raayyaa waraanaa isaa hundumaatti, gaariiwwan fardaa isaattii fi abbootii fardeenii isaatti fayyadamee ofii kootiif ulfina nan argadha.+
-