-
Baʼuu 13:8Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
8 Guyyaa sanattis, ‘Kana kanan godhu, yommuu ani biyya Gibxiitii baʼetti wanta Yihowaan naaf godheen kan kaʼe dha’ jedhiitii ilma keetti himi.+
-
-
Keessa Deebii 6:20-22Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
20 “Gara fuulduraatti ilmi kee, ‘Hiikni yaadachiisawwan, dambiiwwanii fi heerawwan Waaqni keenya Yihowaan isin ajaje kanaa maali dha?’ jedhee yommuu si gaafatu, 21 ilma keetiif akkana jettee deebista: ‘Nuti biyya Gibxii keessatti Faraʼooniif garboota turre; Yihowaan garuu harka jabaadhaan biyya Gibxii keessaa nu baase. 22 Yihowaan ijuma keenya duratti mallattoowwanii fi dinqiiwwan guguddaa badiisa cimaa geessisan biyya Gibxii irratti, Faraʼoon irrattii fi maatii isaa hundumaa irratti+ ni erge.+
-
-
Faarfannaa 44:1Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
44 Yaa Waaqayyo, abbootiin keenya wantoota bara isaaniitti,
Bara duriitti raawwatte
Nutti himaniiru,+
Nutis gurruma keenyaan dhageenyeerra.
-