-
Baʼuu 13:17, 18Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
17 Faraʼoon yeroo sabicha gadhiisetti, achiin dhihoo taʼus, Waaqayyo karaa gara biyya Filisxeemotaa geessuun isaan hin geggeessine. Waaqayyo akkana kan godhe, “Sabichi yommuu waraanni isaan mudatu yaada isaanii jijjiiranii gara biyya Gibxiitti deebiʼuu dandaʼu” jedhee waan yaadeef ture. 18 Kanaafuu, Waaqayyo sabichi karaa lafa onaa isa naannoo Galaana Diimaatti argamu sanaa irra naannaʼee akka deemu godhe.+ Haa taʼu malee, Israaʼelonni biyya Gibxii keessaa kan baʼan akka loltoonni waraanaaf tarree galanii baʼanitti ture.
-