-
Baʼuu 14:5Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
5 Boodas sabichi akka baqate mootii Gibxiitti himame. Faraʼoonii fi tajaajiltoonni isaas yeruma sana sabicha ilaalchisee yaada isaanii jijjiiranii,+ “Nuti akkana kan goone maaliifi? Israaʼelota warra garboota keenya taʼan kan gadhiisne maaliifi?” jedhan.
-
-
Baʼuu 14:9Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
9 Warri Gibxii isaan hordofan;+ gaariiwwan fardaa Faraʼoon, abbootiin fardeenii isaa fi raayyaan waraanaa isaa hundis, utuma isaan Baʼaal Zefoonitti garagalanii galaanicha bira Phihaahiroot buufatanii jiranii isaan bira gaʼan.
-