15 “Namni xilfii dhaʼu kiisii qomaa murtii Waaqayyoo beekuuf gargaaru akka tolchu godhi.+ Kiisiin qomaa kun akkuma efuudichaa warqii, foʼaa bifa cuquliisaa, suufii bifa dhiilgee, foʼaa diimaa fi quncee talbaa baʼeessa taʼee foʼame irraa haa tolfamu.+