LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Baʼuu 37:10-15
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 10 Achiis muka laaftoo irraa minjaala ni tolche.+ Minjaalichi dheerinni isaa dhundhuma lama, dalgi isaa dhundhuma tokko, ol dheerinni isaa immoo dhundhuma tokkoo fi walakkaa ture.+ 11 Innis warqii qulqulluudhaan isa ni uwwise; qarqara isaatti naannessees ittisa* warqii ni tolche. 12 Isatti naannessees xiyyoo balʼinni isaa hamma barruu harkaa* gaʼu ni tolche; xiyyoo sanatti naannessee immoo warqii irraa ittisa* ni tolche. 13 Achiis warqii baqsee amartiiwwan afur isaaf ni tolche; amartiiwwan sanas rogawwan arfan bakka miilli isaa arfan itti qabsiifaman irra ni godhe. 14 Amartiiwwan sun danqaraawwan minjaalichi ittiin baatamu akka keessa loofamaniif, gara xiyyoo minjaalichaatti siqfamanii kan tolfaman turan. 15 Achiis minjaalicha ittiin baachuuf muka laaftoo irraa danqaraawwan tolchee warqiidhaan ni uwwise.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi