-
Baʼuu 25:23-28Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
23 “Muka laaftoo irraa minjaala+ dheerinni isaa dhundhuma lama, dalgi isaa dhundhuma tokko, ol dheerinni isaa immoo dhundhuma tokkoo fi walakkaa taʼe tokkos ni tolchita.+ 24 Warqii qulqulluudhaan isa uwwista; qarqara isaatti naannessitees warqii irraa ittisa* ni tolchita. 25 Isatti naannessitees xiyyoo balʼinni isaa hamma barruu harkaa* gaʼu ni tolchita; xiyyoo sanatti naannessitee immoo warqii irraa ittisa* ni tolchita. 26 Amartiiwwan warqii afuris isaaf ni tolchita; amartiiwwan sanas rogawwan arfan bakka miilli isaa arfan itti qabsiifaman irra ni goota. 27 Amartiiwwan sun danqaraawwan minjaalichi ittiin baatamu akka keessa loofamaniif, gara xiyyoo minjaalichaatti siqfamanii haa tolfaman. 28 Danqaraawwan kana muka laaftoo irraa tolchitee warqiidhaan ni uwwista; minjaalichas isaanitti fayyadamtee baatta.
-