LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Baʼuu 37:17-24
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 17 Achiis warqii qulqulluu irraa baattuu ibsaa+ ni tolche. Baattuu ibsaa kana warqii tumame irraa tolche. Jalli isaa, jirmi isaa, hammattuuwwan abaaboo isaa, dhukawwan isaa fi daraaraawwan isaa tokko taʼanii kan tolfaman turan.+ 18 Baattuun ibsaa sun gama tokkoon dameewwan sadii, gama kaaniinis dameewwan sadii, walumaa galatti jirma isaa irratti dameewwan jaʼa qaba ture. 19 Damee tokko irratti, hammattuuwwan abaaboo abaaboo almoondii fakkaatan sadii dhukawwanii fi daraaraawwanii wajjin duraa duubaan jiru turan; damee isa kan biraa irrattis, hammattuuwwan abaaboo abaaboo almoondii fakkaatan sadii dhukawwanii fi daraaraawwanii wajjin duraa duubaan jiru turan. Dameewwan jaʼanuu akka kanaan jirma baattuu ibsaa sana irratti tolfamanii turan. 20 Hammattuuwwan abaaboo abaaboo almoondii fakkaatan afur dhukawwanii fi daraaraawwanii wajjin duraa duubaan jirma baattuu ibsaa irra jiru turan. 21 Dameewwan jalqabaa warra jirmicha irratti garanaa fi garasiin tolfaman lamaan jalatti dhukni tokko, dameewwan itti aanan lamaan jalatti dhukni tokko, dameewwan itti aanan lamaan jalattis dhukni tokko jira ture; dameewwan jaʼan jirma baattuu ibsaa sanaa irra jiraniif akkanuma ni godhame. 22 Dhukawwan, dameewwanii fi guutummaan baattuu ibsaa kun warqii qulqulluu tumame irraa tokko taʼanii kan tolfaman turan. 23 Achiis ibsaawwan isaa torban,+ qabduuwwan isaa fi qodaawwan ibiddaa isaa warqii qulqulluu irraa ni tolche. 24 Innis baattuu ibsaa sanaa fi miʼawwan isaa hundumaa warqii qulqulluu taalaantii* tokko irraa tolche.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi