-
Baʼuu 25:31-39Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
31 “Warqii qulqulluu irraa baattuu ibsaa+ ni tolchita. Baattuun ibsaa kun warqii tumame irraa haa tolfamu. Jalli isaa, jirmi isaa, dameewwan isaa, hammattuuwwan abaaboo isaa, dhukawwan isaa fi daraaraawwan isaa tokko taʼanii haa tolfaman.+ 32 Baattuun ibsaa sun gama tokkoon dameewwan sadii, gama kaaniinis dameewwan sadii, walumaa galatti cinaa isaa irratti dameewwan jaʼa ni qabaata. 33 Damee tokko irratti, hammattuuwwan abaaboo abaaboo almoondii fakkaatan sadii dhukawwanii fi daraaraawwanii wajjin duraa duubaan haa tolfaman; damee isa kan biraa irrattis hammattuuwwan abaaboo abaaboo almoondii fakkaatan sadii dhukawwanii fi daraaraawwanii wajjin duraa duubaan haa tolfaman. Dameewwan jaʼanuu akka kanaan jirma baattuu ibsaa sana irratti haa tolfaman. 34 Hammattuuwwan abaaboo abaaboo almoondii fakkaatan afur dhukawwanii fi daraaraawwanii wajjin duraa duubaan jirma baattuu ibsaa irratti haa tolfaman. 35 Dameewwan jalqabaa warra jirmicha irratti garanaa fi garasiin tolfaman lamaan jalatti dhukni tokko, dameewwan itti aanan lamaan jalatti dhukni tokko, dameewwan itti aanan lamaan jalattis dhukni tokko ni jiraata; dameewwan jaʼan jirmicha irra jiraniif akkanuma ni godhama. 36 Dhukawwan, dameewwanii fi guutummaan baattuu ibsaa kun warqii qulqulluu tumame irraa tokko taʼanii haa tolfaman.+ 37 Ibsaawwan torbas isaaf ni tolchita; ibsaawwan kun yeroo qabsiifamanittis iddoo isa fuuldura isaanii jirutti ni ifu.+ 38 Qabduuwwan isaa fi qodaawwan ibiddaa isaa warqii qulqulluu irraa ni tolfamu.+ 39 Baattuun ibsaa fi miʼawwan kun warqii qulqulluu taalaantii* tokko irraa haa tolfaman.
-