-
Baʼuu 30:8Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
8 Aaron yeroo dimimmisaaʼutti* yommuu ibsaa ibsuttis ixaanicha haa aarsu. Kun guutummaa dhaloota keessanii keessatti aarsaa ixaanaa isa yeroo hunda Yihowaa duratti dhihaatu dha.
-
-
Leewwota 24:2, 3Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
2 “Yeroo hundumaa ibsaawwan sun akka ifaniif,+ zayitii qulqulluu ejersa tumame irraa argamuu fi ibsaadhaaf taʼu akka sii fidan Israaʼelota ajaji. 3 Aaron dunkaana walgaʼii keessatti, golgaa Dhugaa Baatuu sanaa irraa gara alaatti ibsaawwan sun galgalaa jalqabee hamma ganamaatti Yihowaa duratti akka ifan ni godha. Kun, guutummaa dhaloota keessaniitiif dambii dhaabbataa taʼe dha.
-
-
Lakkoofsa 8:2Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
2 “Akkana jedhii Aaronitti dubbadhu: ‘Yommuu ibsaawwan ibsitu, ibsaawwan torban sun iddoo isa baattuu ibsaa sana fuuldura jirutti haa ifan.’”+
-
-
2 Seenaa Baraa 13:11Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
11 Isaan yeroo hundumaa ganamaa fi galgala+ Yihowaadhaaf aarsaan gubamu akka aaru gochaa, akkasumas ixaana urgaaʼu+ dhiheessaa jiru; daabboon wal irra tuulamu*+ minjaala warqii qulqulluu irra jira; isaan galgala galgala baattuu ibsaa warqii+ fi ibsaawwan isaanii ni ibsu;+ sababiin isaas, nuti itti gaafatamummaa Waaqa keenya Yihowaadhaaf qabnu raawwachaa jirra; isin garuu isa dhiistaniittu.
-