-
Baʼuu 27:20, 21Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
20 “Yeroo hundumaa ibsaawwan sun akka ifaniif, zayitii qulqulluu ejersa tumame irraa argamuu fi ibsaadhaaf taʼu akka sii fidan Israaʼelota ajaji.+ 21 Aaronii fi ilmaan isaa dunkaana walgaʼii keessatti, golgaa Dhugaa Baatuu+ sana bira jiru irraa gara alaatti ibsaawwan sun galgalaa jalqabee hamma ganamaatti Yihowaa duratti+ akka ifan ni godhu. Kun Israaʼelonni guutummaa dhaloota isaanii keessatti akka raawwataniif dambii dhaabbataa ni taʼa.+
-
-
Lakkoofsa 8:2Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
2 “Akkana jedhii Aaronitti dubbadhu: ‘Yommuu ibsaawwan ibsitu, ibsaawwan torban sun iddoo isa baattuu ibsaa sana fuuldura jirutti haa ifan.’”+
-