-
Leewwota 24:1-3Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
24 Yihowaan itti fufuudhaan Museedhaan akkana jedhe: 2 “Yeroo hundumaa ibsaawwan sun akka ifaniif,+ zayitii qulqulluu ejersa tumame irraa argamuu fi ibsaadhaaf taʼu akka sii fidan Israaʼelota ajaji. 3 Aaron dunkaana walgaʼii keessatti, golgaa Dhugaa Baatuu sanaa irraa gara alaatti ibsaawwan sun galgalaa jalqabee hamma ganamaatti Yihowaa duratti akka ifan ni godha. Kun, guutummaa dhaloota keessaniitiif dambii dhaabbataa taʼe dha.
-