-
Baʼuu 38:1-7Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
38 Inni muka laaftoo irraa iddoo aarsaa aarsaan gubamu irratti dhihaatu ni ijaare. Iddoon aarsaa sun dheerinni isaa dhundhuma* shan, dalgi isaa dhundhuma shan, ol dheerinni isaa immoo dhundhuma sadii taʼee rogni isaa arfan wal qixa ture.+ 2 Achiis golee isaa arfan irratti gaanfota ni tolche. Gaanfonni isaas iddoo aarsaa sanaa wajjin qaama tokko turan. Iddoo aarsaa sanas sibiila diimaadhaan ni uwwise.+ 3 Sana booda miʼawwan iddoo aarsaa hundumaa, jechuunis baaldiiwwan, akaafaawwan, saaniiwwan golboo, shukkaawwanii fi qodaawwan ibiddaa ni tolche. Miʼawwan isaa hundumaas sibiila diimaa irraa ni tolche. 4 Iddoo aarsaa sanaaf sibiila diimaa irraa waan akka gingilchaa ni tolche; isas xiyyoo isaatii gaditti walakkaa iddoo aarsaa sanaa keessa ni kaaʼe. 5 Danqaraawwan sun akka keessa loofamaniif, waan akka gingilchaa sana biratti rogawwan arfan irratti amartiiwwan afur sibiila diimaa irraa ni tolche. 6 Sana booda muka laaftoo irraa danqaraawwan tolchee, sibiila diimaadhaan isaan uwwise. 7 Ittiin isa baachuufis danqaraawwan sana amartiiwwan cinaa iddoo aarsaa irra jiran keessa ni loose. Iddoo aarsaa sana saanqaawwan irraa akka saanduqa banaatti ni tolche.
-