LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Baʼuu 38:1-7
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 38 Inni muka laaftoo irraa iddoo aarsaa aarsaan gubamu irratti dhihaatu ni ijaare. Iddoon aarsaa sun dheerinni isaa dhundhuma* shan, dalgi isaa dhundhuma shan, ol dheerinni isaa immoo dhundhuma sadii taʼee rogni isaa arfan wal qixa ture.+ 2 Achiis golee isaa arfan irratti gaanfota ni tolche. Gaanfonni isaas iddoo aarsaa sanaa wajjin qaama tokko turan. Iddoo aarsaa sanas sibiila diimaadhaan ni uwwise.+ 3 Sana booda miʼawwan iddoo aarsaa hundumaa, jechuunis baaldiiwwan, akaafaawwan, saaniiwwan golboo, shukkaawwanii fi qodaawwan ibiddaa ni tolche. Miʼawwan isaa hundumaas sibiila diimaa irraa ni tolche. 4 Iddoo aarsaa sanaaf sibiila diimaa irraa waan akka gingilchaa ni tolche; isas xiyyoo isaatii gaditti walakkaa iddoo aarsaa sanaa keessa ni kaaʼe. 5 Danqaraawwan sun akka keessa loofamaniif, waan akka gingilchaa sana biratti rogawwan arfan irratti amartiiwwan afur sibiila diimaa irraa ni tolche. 6 Sana booda muka laaftoo irraa danqaraawwan tolchee, sibiila diimaadhaan isaan uwwise. 7 Ittiin isa baachuufis danqaraawwan sana amartiiwwan cinaa iddoo aarsaa irra jiran keessa ni loose. Iddoo aarsaa sana saanqaawwan irraa akka saanduqa banaatti ni tolche.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi