LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Baʼuu 27:1-8
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 27 “Muka laaftoo irraa iddoo aarsaa dheerinni isaa dhundhuma* shan, dalgi isaas dhundhuma shan taʼe tokko ni ijaarta.+ Iddoon aarsaa kun rogni isaa arfanuu wal qixa haa taʼu; ol dheerinni isaas dhundhuma sadii haa taʼu.+ 2 Golee isaa arfan irratti gaanfota+ ni tolchita; gaanfonni sunis iddoo aarsaa sanaa wajjin qaama tokko taʼu; iddoo aarsaa sanas sibiila diimaadhaan ni uwwista.+ 3 Daaraa isaa* qulqulleessuuf baaldiiwwan, akaafaawwan, saaniiwwan golboo, shukkaawwanii fi qodaawwan ibiddaa dabalatee miʼawwan isaa hundumaa sibiila diimaa irraa ni tolchita.+ 4 Iddoo aarsaa sanaaf sibiila diimaa irraa waan akka gingilchaa ni tolchita; gingilchaa sana irrattis goleewwan isaa arfan irratti amartiiwwan sibiila diimaa afur ni tolchita. 5 Xiyyoo iddoo aarsaa sanaatii gadittis isa ni keessa; gingilchaan sun gad siqee walakkaa iddoo aarsaa sanaa keessa ni kaaʼama. 6 Iddoo aarsaa sanaaf muka laaftoo irraa danqaraawwan tolchitee sibiila diimaadhaan ni uwwista. 7 Iddoon aarsaa sun yeroo baatamutti danqaraawwan sun garanaa fi garasiin akka taʼanitti, danqaraawwan sun amartiiwwan keessa ni loofamu.+ 8 Iddoo aarsaa sana saanqaawwan irraa akka saanduqa banaatti ni tolchita. Iddoon aarsaa kun akkuma inni gaaricha irratti sitti argisiise sanatti haa tolfamu.+

  • Baʼuu 40:10
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 10 Iddoo aarsaa aarsaan gubamu irratti dhihaatu sanaa fi miʼawwan isaa hundumaa dibi; iddoo aarsaa sana qulqulleessi. Innis iddoo aarsaa hundumaa caalaa qulqulluu taʼe ni taʼa.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi