-
Lakkoofsa 4:14, 15Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
14 Isaan miʼawwan isaa warra yeroo iddoo aarsaatti tajaajilan itti fayyadaman hundumaa, jechuunis qodaawwan ibiddaa, shukkaawwan, akaafaawwan, saaniiwwan golboo fi miʼawwan iddoo aarsaa hundumaa+ isa irra kaaʼanii gogaa tahaash itti ni uwwisu; achiis danqaraawwan isaa warra ittiin isa baatan+ iddoo isaanii keessa ni loosu.
15 “Buufatichi bakka tokkoo gara bakka kan biraa dhaquuf kaʼuu isaa dura, Aaronii fi ilmaan isaa iddoo qulqulluu fi miʼawwan iddoo qulqulluu hundumaa uwwisanii xumuruu qabu.+ Achiis ilmaan Qehaat isaan baachuuf ni seenu;+ haa taʼu malee, iddoo qulqulluu sana tuquu hin qaban; yoo akkana godhan ni duʼu.+ Dunkaana walgaʼii wajjin haala wal qabateen itti gaafatamummaan* ilmaan Qehaat qaban kana dha.
-