-
Baʼuu 39:19-21Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
19 Achiis amartiiwwan warqii lama tolchanii gara efuudichaatti gargalchanii, qarqara kiisii qomaa lamaan warra gara gadii irratti ni qabsiisan.+ 20 Achiis efuudicha fuulduraan kutaa efuudichaa isa gateettii irra oolu lamaanii gaditti, bakka efuudichii fi sabbanni itti wal qabatu biratti, sabbata efuudii isa dhaʼamee olitti amartiiwwan warqii dabalataa lama ni tolchan. 21 Dhuma irrattis akkuma Yihowaan Musee ajajetti, kiisiin qomaa sun sabbata dhaʼamee olitti efuudichatti maxxanee iddoo isaatii akka hin sochooneef, amartiiwwan isaa amartiiwwan efuudichaatti funyoo bifa cuquliisaatiin ni hidhan.
-