-
Leewwota 1:4Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
4 Harka isaas mataa horii aarsaa gubamu taʼee dhihaatu sanaa irra haa kaaʼu; aarsaan sunis akka araara isaaf argamsiisutti namichaaf fudhatama ni argata.
-
-
Leewwota 8:18-21Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
18 Korbeessa hoolaa aarsaa gubamuuf dhihaatu sanas ni fide; Aaronii fi ilmaan isaas harka isaanii mataa korbeessa sanaa irra ni kaaʼan.+ 19 Achiis Museen isa qalee dhiiga isaa cinaa iddoo aarsaa sanaa hundumaa irratti facaase. 20 Museen korbeessa hoolaa sana buusaa buusaa isaatti kukkutee mataan isaa, buusaawwan isaa fi moorri isaa* akka aaru godhe. 21 Achiis marʼimaan isaa fi luka isaa bishaaniin dhiqee korbeessi hoolaa sun guutummaatti iddoo aarsaa irratti akka aaru godhe. Kun aarsaa gubamu isa urgaan isaa gammachiisu* dha. Kun akkuma Yihowaan Musee ajajee turetti aarsaa Yihowaadhaaf ibiddaan dhihaatu dha.
-