-
Leewwota 3:9, 10Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
9 Inni cooma aarsaa gamtaa kana aarsaa Yihowaadhaaf ibiddaan dhihaatu godhee ni dhiheessa.+ Duboo isa lafee dugdaa bira jiru hundumaa, cooma marʼimaan uwwise, cooma marʼimaanitti marsee jiru hundumaa, 10 akkasumas, kaleewwan lamaanii fi cooma isaan irra jiru, jechuunis cooma mudhii bira jiru ni baasa. Kana malees inni cooma tiruu irra jiru kaleewwan isaa wajjin ni baasa.+
-