-
Leewwota 9:18-20Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
18 Sana booda qotiyyoo fi korbeessa hoolaa aarsaa gamtaa sabichaatiif dhihaatan sana ni qale. Ilmaan Aaronis dhiigicha isatti ni kennan; innis cinaa iddoo aarsaa sanaa hundumaa irratti isa facaase.+ 19 Isaanis cooma qotiyyoo,+ duboo korbeessa hoolaa, cooma miʼawwan garaa uwwise, kaleewwanii fi cooma tiruu irra jiru fuudhanii,+ 20 cooma sana hundumaa handaraafa horiiwwan sanaa irra ni kaaʼan; innis coomni sun iddoo aarsaa irratti akka aaru godhe.+
-