-
Leewwota 3:1, 2Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
3 “‘Aarsaan isaa aarsaa gamtaa*+ yoo taʼee fi kormaas taʼe dhaltuu horii isaa keessaa kan dhiheessu yoo taʼe, Yihowaa duratti horii mudaa hin qabne dhiheessuu qaba. 2 Inni harka isaa mataa horii sanaa irra haa kaaʼu; horiin sun balbala dunkaana walgaʼii irratti ni qalama; ilmaan Aaron warri luboota taʼanis dhiiga sana cinaa iddoo aarsaa sanaa hundumaa irratti ni facaasu.
-