-
Baʼuu 28:9-11Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
9 “Dhagoota oniiksii+ lama fudhadhuutii maqaa ilmaan Israaʼel+ isaan irratti boci; 10 akka duraa duuba dhaloota isaaniitti dhagaa isa tokko irratti maqaa jaʼa, dhagaa isa kan biraa irrattis maqaa jaʼa boci. 11 Namni dhagaa irratti bocu tokko akkuma chaappaa bocutti maqaa ilmaan Israaʼel dhagoota lamaan irratti ni boca.+ Atis dhagoota kana baattuuwwan warqii irraa tolfaman keessa ni keessa.
-