-
Baʼuu 8:5Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
5 Boodas Yihowaan Museedhaan akkana jedhe: “Aaroniin akkana jedhi: ‘Harka kee isa ulee ittiin qabatte lagicha irratti, boʼoowwan Laga Abbayyaa irrattii fi caffeewwan irratti diriirsiitii raachawwan biyya Gibxii irratti akka baʼan godhi.’”
-
-
Baʼuu 17:5, 6Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
5 Achiis Yihowaan Museedhaan akkana jedhe: “Jaarsolii Israaʼel tokko tokkoo fi ulee isa ittiin Laga Abbayyaa rukutte+ sana fudhadhuutii sabicha dura buʼii deemi. Ulicha harka keetti qabadhuutii qajeeli. 6 Kunoo, ani achitti qarsaa isa Horeeb keessatti argamu irratti si dura nan dhaabbadha. Qarsaa sana rukuti; bishaanis achi keessaa ni baʼa; sabichis ni dhuga.”+ Museenis jaarsolii Israaʼel duratti akkanuma godhe.
-
-
Lakkoofsa 20:11Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
11 Achiis Museen harka isaa ol kaasee ulee isaatiin kattaa sana siʼa lama rukute; bishaan baayʼeenis yaaʼuu jalqabe; sabichii fi horiiwwan isaaniis dhuguu jalqaban.+
-