-
Lakkoofsa 20:8Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
8 “Ulicha fudhadhu; yaaʼichas walitti qabi; atii fi obboleessi kee Aaronis kattaan sun bishaan akka kennuuf ija isaanii duratti kattaa sanatti dubbadhaa; atis kattaa sana keessaa isaaniif bishaan ni baasta; wanta yaaʼichii fi horiin isaanii dhuganis isaaniif ni kennita.”+
-
-
Keessa Deebii 8:14, 15Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
14 garaan kee boonee+ Waaqa kee Yihowaa isa biyya Gibxii keessaa, mana garbummaa jalaa si baase,+ 15 isa lafa onaa guddaa fi sodaachisaa taʼe keessa,+ bakka bofti summii qabuu fi torbaanqabaan* jirutti, lafa gogaa bishaan hin qabne keessas akka deemtu godhe sana akka si irraanfachiisu hin heyyamin. Inni qarsaa cimaa keessaa bishaan akka yaaʼu godheera;+
-
-
Faarfannaa 78:15Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
15 Lafa onaa keessatti qarsaawwan ni babbaqaqse,
Akka waan bishaan gad fagoo keessaa dhuganiittis dhuganii akka quufan godhe.+
-