35 Israaʼelonnis akkuma Museen isaanitti himetti, faayawwan meetii fi warqii, akkasumas uffata akka isaaniif kennan warra Gibxii ni gaafatan.+ 36 Yihowaan warra Gibxii duratti sabichaaf ulfina waan kenneef, wanta isaan gaafatan isaaniif ni kennan; isaanis warra Gibxii ni saaman.+