LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Lakkoofsa 25:11
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 11 “Ilma Aaron lubichaa, ilma Eleʼazaar kan taʼe Finahaas,+ morkii ana ilaalchisee isaan gidduutti kaʼe hundumaa obsaan bira darbuu dhiisuudhaan dheekkamsa koo saba Israaʼel irraa deebiseera.+ Guutummaatti akka naaf bulan kanan barbaadu taʼus, Israaʼelota haxaaʼee kanan hin balleessine kanaafi.+

  • Keessa Deebii 13:6-9
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 6 “Obboleessi kee inni haadha tee irraa dhalate yookiin ilmi kee yookiin intalli tee yookiin haati manaa tee ishiin jallatamtuun yookiin michuun kee inni sitti dhihaatu,* ‘Dhaqnee waaqolii kan biroo haa tajaajillu’ jedhee dhoksaatti si sossobuuf yoo yaale,+ waaqoliin kun immoo atis taate abbootiin kee kan hin beekne yoo taʼan, 7 akkasumas waaqolii saboota naannoo keessanii warra isinitti dhihoos taʼe isin irraa fagoo jiranii, fiixee biyyattii isa tokkoo hamma fiixee biyyattii isa kaanitti argamanii yoo taʼan, 8 tole isaaf hin jedhin yookiin isa hin dhagaʼin;+ isaaf hin gaddin yookiin garaa isaaf hin laafin yookiin eegumsa isaaf hin godhin; 9 kanaa mannaa, mamii tokko malee isa ajjeesi.+ Isa ajjeesuuf jalqaba harki kee isa irratti haa kaʼu; sana booda immoo harki namoota hundumaa isa irratti haa kaʼu.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi