-
Leewwota 22:23Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
23 Jibicha yookiin hoolaa harki yookiin miilli isaa baayʼee dheeratu yookiin baayʼee gabaabbatu kennaa fedhiidhaan kennamu gootee dhiheessuu dandeessa; haa taʼu malee, horiin akkanaa kennaa wareegaa taʼee yoo dhihaate fudhatama hin argatu.
-
-
Keessa Deebii 12:5, 6Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
5 Kanaa mannaa, gara bakka Waaqni keessan Yihowaan maqaa isaatiif, akkasumas iddoo jireenyaa isaa akka taʼuuf guutummaa gosoota keessanii gidduudhaa filatu sanaa dhaqaatii achitti isa waaqeffadhaa.+ 6 Aarsaawwan keessan warra gubaman,+ aarsaawwan keessan warra kaan, kurnoowwan keessan,*+ buusii harka keessan irraa kennitan,+ kennaawwan wareegaa keessan, kennaawwan keessan warra fedhiidhaan kennitan,+ akkasumas loonii fi bushaayee keessan keessaa warra jalqaba dhalatan achitti geessitu.+
-