29 Achiis Museen handaraafa sana fuudhee asii fi achi sochoosuudhaan Yihowaa duratti aarsaa sochoofamu godhee dhiheesse.+ Akkuma Yihowaan Musee ajajetti, korbeessa hoolaa yeroo luboonni muudamanitti sirna geggeeffamu irratti dhihaatu sana irraa handaraafni isaa gaʼee Musee ni taʼe.+