-
Baʼuu 29:26, 27Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
26 “Achiis handaraafa korbeessa hoolaa isa yeroo luboonni muudamanitti sirna geggeeffamu+ irratti Aaroniif dhihaatu sanaa fuudhiitii asii fi achi sochoosuudhaan Yihowaa duratti aarsaa sochoofamu godhii dhiheessi; innis gaʼee kee ni taʼa. 27 Qoma aarsaa sochoofamu sanaa fi luka gaʼee qulqulluu warra sochoofaman, warra korbeessa hoolaa yeroo luboonni muudamanitti sirna geggeeffamu+ irratti Aaronii fi ilmaan isaatiif dhihaatu irraa fudhataman sana qulqulleessi.
-
-
Leewwota 7:34, 35Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
34 Ani aarsaawwan gamtaa isa Israaʼelonni dhiheessan irraa handaraafa horii aarsaa sochoofamu taʼee dhihaatee fi luka isa gaʼee qulqulluu taʼee dhihaate nan fudhadha; Israaʼelotaaf dambii dhaabbataa akka taʼuufis Aaron lubichaa fi ilmaan isaatiif nan kenna.+
35 “‘Guyyaa inni Yihowaadhaaf luboota taʼanii akka tajaajilan isaan dhiheessetti+ lubootaaf, jechuunis Aaronii fi ilmaan isaatiif akka adda baafamuuf gaʼeen aarsaa Yihowaadhaaf ibiddaan dhihaatu irraa fudhatame isa kana.
-