Baʼuu 28:1 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 28 “Obboleessi kee Aaronii+ fi ilmaan isaa+ Naadaab, Abihuun,+ Eleʼazaarii fi Itaamaar+ luboota akka naa taʼaniif+ Israaʼelota keessaa waami. Baʼuu 29:4 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 4 “Aaronii fi ilmaan isaa balbala dunkaana walgaʼii duratti+ dhiheessitee bishaaniin isaan dhiqxa.+ Baʼuu 29:7 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 7 zayitii dibataa*+ sanas fuudhiitii mataa isaa irratti dhangalaasiitii isa dibi.+ Baʼuu 40:13 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 13 Uffatawwan qulqulluu sana Aaronitti uwwisi;+ isa dibi;+ akkasumas isa qulqulleessi; innis anaaf luba taʼee ni tajaajila.
28 “Obboleessi kee Aaronii+ fi ilmaan isaa+ Naadaab, Abihuun,+ Eleʼazaarii fi Itaamaar+ luboota akka naa taʼaniif+ Israaʼelota keessaa waami.
13 Uffatawwan qulqulluu sana Aaronitti uwwisi;+ isa dibi;+ akkasumas isa qulqulleessi; innis anaaf luba taʼee ni tajaajila.