-
Leewwota 6:20, 21Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
20 “Guyyaa inni dibamutti+ wanti Aaronii fi ilmaan isaa Yihowaadhaaf aarsaa godhanii dhiheessan kana dha: aarsaa midhaanii+ isa yeroo hundumaa dhihaatu akka taʼuuf daakuu bullaaʼaa eefaa tokko keessaa harka kudhan keessaa harka tokko*+ walakkaa isaa ganama, walakkaa isaa immoo galgala ni dhiheessu. 21 Innis eelee irratti zayitiidhaan ni tolfama.+ Atis akka gaariitti zayitiidhaan isa ni makta; aarsaa midhaanii isa tolfame sana caccabsitees aarsaa urgaan isaa Yihowaa gammachiisu* gootee ni dhiheessita.
-