LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Baʼuu 29:1, 2
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 29 “Anaaf luboota taʼanii akka tajaajilan isaan qulqulleessuuf wanti ati gootu kana dha: Jibicha tokko, korbeeyyii hoolaa mudaa hin qabne lama,+ 2 maxinoo, maxinoo bifa amartiitiin tolfamee fi zayitiidhaan makame, akkasumas maxinoo haphii zayitii dibame fidi.+ Wantoota kana daakuu qamadii bullaaʼaa taʼe irraa tolchitee

  • Baʼuu 29:40, 41
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 40 Daakuu bullaaʼaan safartuu eefaa* tokko keessaa harka kudhan keessaa harki tokko inni zayitii qulqulluu ejersa tumame irraa argamu hiinii* tokko keessaa harka afur keessaa harka tokkoo wajjin makame, akkasumas aarsaan dhugaatii wayinii hiinii tokko harka afur keessaa harki tokko xobbaallaa hoolaa isa jalqabaa wajjin ni dhihaata. 41 Xobbaallaa hoolaa isa lammaffaa dimimmisa* keessa ni dhiheessita; isaa wajjinis aarsaa midhaanii fi aarsaa dhugaatii isa ganama dhihaatuu wajjin wal fakkaatu ni dhiheessita. Kanas aarsaa urgaan isaa gammachiisuu* fi Yihowaadhaaf ibiddaan dhihaatu gootee ni dhiheessita.

  • Leewwota 2:1
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 2 “‘Namni* tokko Yihowaadhaaf aarsaa midhaanii+ kan dhiheessu yoo taʼe, aarsaan isaa daakuu bullaaʼaa haa taʼu; isa irrattis zayitii haa dhangalaasu; ixaana adiis irra haa kaaʼu.+

  • Leewwota 9:17
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 17 Achiis, aarsaa gubamu isa ganama ganama dhihaatu+ malees, aarsaa midhaanii sana ni dhiheesse;+ isa irraas harka isaa guutee fudhachuudhaan iddoo aarsaa irratti akka aaru godhe.

  • Lakkoofsa 28:4, 5
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 4 Xobbaallaa hoolaa kormaa isa tokko ganama, xobbaallaa hoolaa kormaa isa kan biraa immoo yeroo dimimmisaaʼu* ni dhiheessita;+ 5 kanaa wajjinis daakuu bullaaʼaa eefaa* tokko keessaa harka kudhan keessaa harka tokko taʼee fi zayitii ejersa tumame irraa argamu hiinii* tokko keessaa harka afur keessaa harka tokkoon makame aarsaa midhaanii gootee ni dhiheessita.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi