-
Leewwota 2:2Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
2 Achiis gara ilmaan Aaron warra luboota taʼanitti ni fida; lubichis daakuu bullaaʼaa hammaarraa* tokkoo fi zayitii, ixaana isaa isa adii hundumaas fuudhee guutummaa aarsichaa kan bakka buʼu gochuudhaan,+ jechuunis aarsaa ibiddaan dhihaatu isa urgaan isaa Yihowaa gammachiisu* godhee iddoo aarsaa irratti haa dhiheessu.
-
-
Leewwota 5:11, 12Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
11 “‘Inni gugee bosonaa lama yookiin cuucii gugee lama dhiheessuu hin dandaʼu yoo taʼe, daakuu bullaaʼaa eefaa tokko keessaa harka kudhan keessaa harka tokko*+ cubbuu isaatiif aarsaa cubbuu godhee haa fidu. Kun aarsaa cubbuu waan taʼeef, zayitii itti naquu yookiin ixaana adii irra kaaʼuu hin qabu. 12 Gara lubichaattis isa haa geessu; lubichis isa irraa hammaarraa tokko fuudhee guutummaa aarsichaa kan bakka buʼu gochuudhaan, iddoo aarsaa irratti aarsaawwan Yihowaadhaaf ibiddaan dhihaatan gubbaatti ni aarsa. Kun aarsaa cubbuu ti.
-