-
Leewwota 4:7Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
7 Kana malees, lubichi dhiiga sana irraa muraasa isaa gaanfota iddoo aarsaa ixaana urgaaʼuu isa dunkaana walgaʼii keessa Yihowaa dura jiru sanaa ni diba;+ dhiiga jibicha sanaa isa hafe hundumaa immoo iddoo aarsaa aarsaan gubamu irratti dhihaatu isa balbala dunkaana walgaʼii duratti argamu jalatti ni dhangalaasa.+
-
-
Leewwota 8:14, 15Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
14 Achiis jibicha aarsaa cubbuutiif dhihaatu sana ni fide; Aaronii fi ilmaan isaas harka isaanii mataa jibicha aarsaa cubbuutiif dhihaatu sanaa irra ni kaaʼan.+ 15 Museenis isa qalee dhiiga+ isaa irraa quba isaatiin fuudhee gaanfota iddoo aarsaa kallattii hundumaatiin argaman sana ni dibe; iddoo aarsaa sanas cubbuu irraa ni qulqulleesse; dhiiga isa hafe garuu iddoo aarsaa jalatti dhangalaase; akka kanaan achi irratti araarri akka argamuuf iddoo aarsaa sana qulqulleesse.
-