- 
	                        
            
            Baʼuu 29:10-14Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
 - 
                            
- 
                                        
10 “Jibicha sana dunkaana walgaʼii duratti dhiheessita; Aaronii fi ilmaan isaas harka isaanii mataa jibicha sanaa irra ni kaaʼu.+ 11 Jibicha sana balbala dunkaana walgaʼii irratti Yihowaa duratti qali.+ 12 Dhiiga jibicha sanaa irraa quba keetiin fuudhiitii gaanfota iddoo aarsaa+ irratti dibi; dhiiga isa hafe hundumaa immoo iddoo aarsaa jalatti dhangalaasi.+ 13 Achiis cooma+ marʼimaan uwwise hundumaa, cooma tiruu irra jiru, akkasumas kaleewwan lamaanii fi cooma isaan irra jiru fuudhiitii iddoo aarsaa irratti akka aaraniif isaan gubi.+ 14 Foon jibicha sanaa, gogaa isaa fi cumaa* isaa buufatichaa alatti ibiddaan ni gubda. Kun aarsaa cubbuu ti.
 
 - 
                                        
 
- 
	                        
            
            Leewwota 4:3, 4Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
 - 
                            
- 
                                        
3 “‘Lubni dibame+ tokko cubbuu hojjechuudhaan+ sabicha irratti yakka yoo fide, cubbuu hojjete sanaaf aarsaa cubbuu godhee jibicha mudaa hin qabne Yihowaadhaaf haa dhiheessu.+ 4 Jibicha sana gara balbala dunkaana walgaʼiitti+ Yihowaa duratti fidee harka isaa mataa jibicha sanaa irra haa kaaʼu; achiis jibicha sana Yihowaa duratti haa qalu.+
 
 - 
                                        
 
- 
	                        
            
            Leewwota 16:6Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
 - 
                            
- 
                                        
6 “Achiis Aaron jibicha aarsaa cubbuu ofii isaatiif taʼu haa dhiheessu; inni ofii isaatii+ fi mana isaatiif araara ni argamsiisa.
 
 -