LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Leewwota 1:14
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 14 “‘Haa taʼu malee, inni simbirroota Yihowaadhaaf aarsaa gubaman godhee kan dhiheessu yoo taʼe, aarsaa isaa gugee* bosonaa yookiin cuucii gugee keessaa haa dhiheessu.+

  • Leewwota 5:7
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 7 “‘Hoolaa fiduu hin dandaʼu yoo taʼe garuu, cubbuu raawwatameef aarsaa yakkaa akka taʼuuf isa tokko aarsaa cubbuu, isa kan biraa immoo aarsaa gubamu+ godhee gugee bosonaa lama yookiin cuucii gugee lama Yihowaadhaaf haa fidu.+

  • Leewwota 14:21, 22
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 21 “Haa taʼu malee, inni hiyyeessa taʼuu isaatiin kan kaʼe wanta barbaachisu hin qabu yoo taʼe, ofii isaatiif araara argamsiisuuf aarsaa cubbuutiif aarsaa sochoofamu godhee dhiheessuuf xobbaallaa hoolaa tokko haa fidu; aarsaa midhaaniitiif akka taʼuttis daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan makame eefaa* tokko keessaa harka kudhan keessaa harka tokko, zayitii safartuu loogii tokko, 22 akkasumas gugee bosonaa lama yookiin cuucii gugee lama akka humna isaatti haa fidu. Inni tokko aarsaa cubbuutiif, inni kaan immoo aarsaa gubamuuf ni taʼa.+

  • Luqaas 2:24
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 24 Akkuma Seera Yihowaa* keessatti, “gugee* bosonaa lama yookiin cuucii gugee lama”+ jedhamee ibsametti aarsaa ni dhiheessan.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi